Ministirri Dhimma Alaa Yunaaytid Isteetis Antonii Bliinken Kamisa har’a miseensota kaabinee waraanaa kan Muummicha Ministira Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuu waliin yeroo wal arganitti, namoota hidhattoota Hamaas Gaazaa keessatti booji’amanii jiran bilisa baasuuf tattaaffii taasifamu irratti mari’ataniiru.
Jalqaba walgahii hoggantoota waraanaa duraanii Benny Gantz fi Gabi Eisenkot waliin taasisaniin, Bliinken xiyyeeffannaan “namoota booji’amanii fi maatii isaaniitti akka deebi’an arguuf fedhii cimaa nuti lamaan keenya qabnu, hojii kaayyoo sanaaf hojjetamaa jiru” irratti akka ta’u qabu dubbataniiru .”
Blinken imala Sa’uudii Arabiyaa, Masrii, Qataar fi Weest Baankii goranii walgahii gaggeessa keessatti akkasumas bakka biraatti taasisan irraas odeeffannoo haaraa argatan akka ibsan dubbataniiru.
Gantz Blinken'tti akka himetti, dhimmi ariifachiisaa ta'e karaa itti namoota booji'aman deebisan barbaaduudha.
Walgahiin kun kan dhufe yeroo Israa’elii fi Hamaas yaada dhukaasa dhaabuu haaraa kan yeroof lola dhaabuu fi namoota booji’aman Gaazaa irraa gadhiisuu of keessaa qabu ilaalaa jiranitti.
Qondaalli olaanaa Hamaas tokko akka jedhanitti, jilli Hamaas aangawoota Masrii fi Qaxar waliin marii itti fufuuf Kamisa har’a gara Kaayiroo akka imalu himan.
Bliinken Roobii kaleessaa akka jedhanitti, deebii hoggantoonni Hamas wixinee karoora qondaaltota Amerikaa, Masrii, Qaxar fi Israa’el kennan “waan ifa ta’e kan hin taanee ” of keessaa qaba, garuu marii itti fufiinsa qabuuf bakki jira jedhan.
Muummichi ministeera Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun garuu karoora Hamaas waraana Gaazaa xumuruuf dhiheesse kuffisuudhaan, kanaa mannaa haleellaa sabni isaanii hidhattoota irratti raawwatu hanga “injifannoo guutuu” argatutti fuulduratti tarkaanfachiisuuf dhaadataniiru.
Netaaniyaahuun Blinken waliin erga wal arganii booda tuuta oduuf ibsa kennaniin, ''Injifannoo guutuuf karaa irra jirra,Furmaanni biraa hin jiru,'' jechuun dubbataniiru. Tattaaffiin waraanaa Israa’el waggoota osoo hin taane ji’oota akka fudhatu dubbataniiru.