Naannoo Amaaraa, Aanaa Dalaantaa Keessatti Namoota Albuuda Baasan  Lafa Jigee Jalatti Qabaman Baraaruuf Barbaachi Itti Fufee Jira

Naannoo Amaaraa, Aanaa Dalaantaa Keessatti Namoota Albuuda Baasan  Lafa Jigee Jalatti Qabaman Baraaruuf Barbaachi Itti Fufee Jira

Bulchiinsa naannoo Amaaraa godiina Walloo Kibbaa aanaa Dalaantaa keessatti, gophoo nam-tolcheen jigee lubbuu namoota omiishtoota “albuudaa Opaal” jedhmu baasaa turanii baraaruuf yaaliin gaggeeffamuu guyyaa 4ffaa qabachuu isaa bulchiinsii aanaa ibsee jira.

Ana sana keessaa waajirri Badhaadhinaa har’a sagalee Amerikaaf akka beeksiseetti, ganda 08 naannoo Qooq Wuhaa jedhamee waamamuutti, albuudaa kana baasaa ituu jiranii iddoon sun waan jigeef jecha, dargaggoota sana keessatti qabamanii jiran qotanii baasuuf, humnii namoota dabalataa hojii qotanii baasuu irratti bobbaafamuu ibsee jira.

Hanga gabaasnii kun qophaa’eetti fiixee bollaa irraa kaasee achii gad humna namaan kan qotamee meetra 30 akka ta’u ibsameera.

Haga ammaatti mallattoon argamee tokko akka hin jirree fi namoota achii keessatti qabamanii jiran lubbuun ituu jiranii arganna kanneen jedha, qaamnii haawaasaa, lafa balaan kun dhaqqabeetti walitti qabamanii akka jiran, namnii maatiin isaanii waan jigee kana keessatti jalaa qabamee jiru ibsaniiru.

Iddoon isaa Gaarreenii fi bolla kan qabu ta’uun ibsamee jira.Balaan kunis kan dhaqqabe kamiisa dabree ture.Jiraataan nannoo Sanaa tokko akka jedhanti, waggoota darban kudhaniif karaa aadaa baratamee albuudaa Oppaal omishuuf kan bobba’an namoonni gara 70 waan irratti jigeef lubbuu isaanii dhabaniiru.

Naannoo balaan kun itti dhaqqabee Qooq Wuhaa jedhamu qofatti, waldaan gurma’anii hojii kan airratti kanneen bobba’an dargaggoota 400-500 akka jiran bulchiinsii aanaa ibseera jechuun Masfiin Arraagee gabaasee jira.