Naannoo Amaaraa, Aanaa Dilaantaa Keessatti Namoonni Otuu Albuuda Qotaniin Lafti Citee Itti Jige Ammayyuu Hin Argamne

  • VOA

Naannoo Amaaraa aanaa Dilantaa Keessatti Namoonni balaa Lafa Cittuun dhabaman hin argamin jiru

Naannoo Amhaaraa , Godina Walloo Kibbaa Aanaa Dalantaatttti namoota Albuuda Ooppaalii baasaa turanirratti lafti cite jiguun namootni 20 ta’an keessa turan achi keessaa baasuun tattaaffiin taasifamaa jiru guyyaa shanaffaa isaa kan qabateeru yommuu ta’u, namoota achi keessati balaan kun irra ga’eeru lubbuun baasuuf hawwaasni naannoo itti yaa’ee biyyoo itti cite fudhateeru qotuun barbaachi taasifamaa jiraachuu itti gaafatamaan waajjira Albuudaa aanaa Dalantaa Tesfaa Semmaawu sagalee Ameerikaatti himaniiru. Hojii barbaachaa hanga amaatti taasifamaa jiruun mallattoon argame jiraachuu baatus hanga ammaatti naannoo Meetira 70 kan ta’u qofforuun uummanni namoota balaan kun irra ga’eeru barbaadaa jiru jedhaniiru.

Jiraattoonni akka himanittimmoo uummanni gareen ba’ee biyyee namootarratti jige kana qotuun barbaaduun gaariidha garuu ammas namoota biraarratti miidhaan dabalataa akka hin dhaqqabneef of eeggannoon taasifamuu qaba jedhaniiru jechuun Dasseerraa Masfin Arraageetu gabaase.