Kibxata kaleessaa Dimokraatichi Toom Suwaazii filannoo addaa mana maree Yunaayitid Isteetis kan kutaa Niw Yoorkitti geggeessame adda addummaan siyaasaa kan keessa jiru konyaa dugdee magaalattii keessaa injifatanii jiru. Injifannoon kunis paartiin isaanii xumura waggaa kanaa dorgommii cimaa kan prezidaantummaa geggeessamuuf jiruuf abdii qabu jabeesseefii jira.
Suwaaziin Ripaablikaantichi Joorj Saantoos erga Kongiresii keessaa baafamanii booda Repaablikaanii kan ta’an Maazii Pilip-n injifachuu dhaan barcuma duwwaa ture injifataniiru. Injifannoon kun Suwaaziin gara Washingtonitti akka deebi’an taasisa jechuu dha. Bulchaa ta’uuf jecha dorgomanii geggeessaniii uttuu hin milkaa’in hafuu isaanii dura konyaa isaanii marsaa sadiif bakka bu’aa turan.
Konyaa isaanii daangessuun waan jijjiiramuuf jiruuf jecha Suwaaziin hagam mana maree keessa akka turan ifaa miti. Garuu ammaaf lakkoobsa miseensota mana maree Ripaablikaanotaa duruu xiqqaataa adeeme hir’isuu danda’a.
Yeroo dhiyoo filannoo geggeessameen ripaablikaanonni sochii cimaa kan keessatti geggeessan dugdee magaalaa Niw Yoork Loong Aayilaand kan jiran dimokraatotaafis injifannoo dha. Pilip injifatamuu isaanii simatanii Kibxata galgala Suwaaziif bilbilanii baga gammaddan ittiin jedhan.
Eeyyee injifatamnee jirra, garuu as irratti dhaabna miti jechuu dhaan deggertoota isaaniif ibsanii jiran Pilip.
Filannoon yeroo akkasii geggeessamuu hin baratamne kan barbaachiseef Saantoos baatii Sadaasaa keessa tajaajila marsaa hojii isaanii walakkeessatti waahiloota isaaniin waan aangoo irraa kaasamaniif jecha.
Filannoo duraaniif filannoo addaa geggeessuuf yeroo ga’aan waan hin jiraanneef jecha dimokraatonni yaada siyaasaa madaalawaa qabaachuun kan beekamanii fi filattoota naannoo biratti kan jaal’ataman Suwaazii filatan. Ripaablikaanonni immoo hagas beekkamtii kan hin qabaanne garuu seenaa addaa kan qaban Pilip-n muuduuf murteessan. Pilip Kan dhalatan Itiyoophiyaatti yoo ta’u bara 1991 keessa wal waraansaa fi beela jala miliquuf jecha gara Israa’elitti kan godaanan hidda dhalata Juushotaa fi ortodoksii kanneen gara Israa’elitti geessaman 14,500 keessaa tokko turan. Ennaa sana umuriin isaanii 12 ture. Booda irras Pilip humna ittisaa Israa’el keessa tajaajilaniiru. Bara 2005 keessa dokotora lammii Ameerikaa hidda dhalata Yukireenitti heerumanii gara Yunaayitid Isteetisitti godaanan. Bara 2009 keessa lamummaa Ameerikaa fudhachuu dhaan bara 2021 blchiinsa konyaa Naassof filataman.