Jeettiiwwan Waraanaa Kan Yunaaytid Isteetis Galaana Diimaa Irraa Mannii Warreen Hutii Haleelaa Jiran

  • VOA

USS Eisenhower

Jeettiiwwan waraanaa Yunaayitid Isteetis kan US F/A -18 jedhaman jeettiiwwan USS DWIGHT D. Eisenhower kan galaana diimaa irra jiran irra ka’uu dhaan manneen warreen Hutii Yemen keessaa haleelaa jiran.

Haleellaan sun haleellaa misaayilaa fi diroonii warreen Hutii Iraanii deggeraman dooniiwwan daldalaa fi waraanaa galaana diimaa fi galoo galaana Aden irratti raawwataniif deebii kennuuf jecha. Haleellaaleen sun kan eegalan waraanni Israa’elii fi Hamaas gidduu Onkoloolessa 7 erga jalqabee booda.

Rear Admiral Marc Miguez, hoogganaan garee waraanaa kan USS Eisenhower akka jedhanitti, kun waggoota 40-50 yeroo jiru keessatti meeshaa waraanaa kana amma amma yeroo itti gargaaramnee dha jedhan.

Duulli kunis doonileen 2000 ol ta’an nagaa dhaan galaana Diimaa qaxxaamuruu akka gargaare ibsaniiru. Gareen humna waraana qilleensaa kun ajajaa waraanaa kaapiteen Maarvin Starvin Scottin kan hoogganamu yoo ta’u, haleellaa isaan akeekkatanii geggeessan hagam sirrii akka ta’e ibsaniiru. Bakka akeekameef rukutuu dhaan diroonii diinaa, misaayolootaa fi misaayila baalistikaa akkasumas dooniwwan walii gala adda baasuuf humna diroonniiwwan diinaa haleellaa raawwachuuf qaban waan gad buuseef bu’aa argamsiisuu isaanii ibsaniiru.

Rakkoo inni guddaan guyyaa guutuu qophee guddaa gochuu akka ta’e amananiiru. Ergama kanas yeroo hin murtaa’iniif akka itti fufsiisaani ibsaniiru.