Yaa’ii Gamtaa Afriikaa 37ffaatti Hirmaachuuf Hoogganoonni Biyyoota Miseensota Gamtichaa Finfinnee Galanii Jiru

  • VOA

Yaa’ii Gamtaa Afriikaa 37ffaatti Hirmaachuuf Hoogganoonni Biyyoota Miseensota Gamtichaa Finfinnee Galanii Jiru

Gamtichi Yaa’ii isaa alanaatiin jeequmsoota Ardicha keessa jiranrrattii fi Imaammanni barnootaa Ajandaa isaa ta’a jedhamee eeggama.

Qeeqtonni akka jedhanitti Ardicha keessatti keessumaa gama lixaarratti fonqolchi mootummaa baay’achuu, Sudaan keessatti waggaa tokkoof waraana itti fufe fi Baha Koongootti jeequmsi babal’chaa dhufe dabalatee Gamtichi dandeettiin inni qabu murtaa’aa ta’uu ibsa jedhu.

Akka xinxaaltoonni tokko tokko jedhanittimmoo jeequmsoonnii fi fonqolchoonni mootummaa Afiriikaa keessatti taasifaman Gamtaan Afiriikaa filannoowwan sobaa , kan adeemsa dimokiraasii miidhaniif deebii ifa hin taane Gamtaan Afirikaa kennuurra madda jedhu.

Dhaabbata Idil addunyaa waldhabdee fi haala bulchiinsa mootummaa qoratuu Kan International Crisis Group jedhamee waamamuutti gorsaa kan ta’e Liiyisiil Loowu Vowuudiraan yeroo filannootti yommuu amanamummaan hir’atu Gamtaan Afirikaa dirqama dubbachuutu irraa eegama jechuun madda oduu Riyooteersiiif himeera. Akkasumas Gamtaan Afiriikaa gareewwan wal waraanan gidduu seenuu keesstti gahee guddaa taphachuu qaba jedha.

Gamtaan Afiriikaa yaa’ii isaa bara kanaan dhimmoota nageenyaa fi tasgabbii irra caalaatti irratti dubbata jedhamee eeggamus garuu Gamtichi dubbii ijoo yaa’iisaa barnoota taasisuun filateera. Yeroo baay’ee yommuu waraanni ka’u barnoonni jalbarratti miidhaan irra ga’a waan ta’eef qaawwi barnootarratti uumamu daa’imman ardicha keessa jiran akka miidhu ogeeyyiin irratti walii galu.