Raashiyaan Meeshaa Waraanaa Farra-Saatelaayitiilee Hawaarraa Hojjetaa Akka Jirtu Mirkaneeffadhe, Jetti Yunaayitid Isteetis

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Raashiyaan Meeshaa Waraanaa Farra-Saatelaayitiilee Hawaarraa Hojjetaa Akka Jirtu Mirkaneeffadhe, Jetti Yunaayitid Isteetis

Raashiyaan meeshaa waraanaa farraa saatelayitoota hawaarra jiranii akka hojjetaa jirtu mootummaan Yunaayitid Isteets mirkaneeffachuu isaa ibsee jira. Seera-tumtoonni Yunaayitid Isteetis gochaan Raashiyaa kun sodaa nageenyaa hamaa ta’uu isaa ibsanii, waliigaltee akkaataa itti fayyadamaa meeshaa waraanaa hawaa irraa kan cabsu akka tahellee dubbatu. Dhimmichii yaadessaa ta’us sodaa battalaa akka hin taane eeran - aangawoonni mootummaa Yunaayitid Isteetis kun. Gabaasaa Anitaa Paawol, Waayit Haawus irraa ergite, afaan Oromoon qindeessinee jirra.