Finciltoonni Hutii Yemen Keessaa Galaana Diimaa, Toora Baabel El Mandeb Irratti Har’a Doonii Alaabaa Beeliz Fannifatte Haleeluu Beeksisan

  • VOA

Finciltoonni Hutii Yemen Keessaa Galaana Diimaa, Toora Baabel El Mandeb Irratti Har’a Doonii Alaabaa Beeliz Fannifatte Haleeluu Beeksisan

Gareen Hutii akka beeksisetti dooniin alaabaa Beezil ofirraa qabdu kan maqaa Rubiiymaar jedamuun beekamtu fe’isa guddaan Yuunaayitid Arab Emireetis irraa gara Bulgaaririyaatti imalaa turte irratti haleellaa raawwachuu ibseera.

Dhaabbadanni daldala galaanarraa Yuunaayitid Kiingidam akka beeksisetti haleellaan doonii kanarratti raawwatame dilbata darbe naannoo “Al Kha” jedhamu Yeman kibbaa irraa fageenya Kiiloomeetira 65 irratti yommuu ta’u hojjettoonni doonichaa hundi nagaan keessaa ba’aniirus jedheera.

Dhaabbanni nageenya daldala galaanarraa Biriiteen akka beeksiisetti dooniin isheen lammaffaa Alaabaa Giiriis ofirraa qabduu fi qabeenyummaan ishee kan Yuunaayitid Isteetsi kan ta’e wiixata kana Arjeentiinaa irraa gara buuta doonii Adeen Yemaniitti imalaa osoo jirtuu kan haleellaan irratti raawwatame jedheera. Kunis Buufata galaanaa Adeen irraa fageenya Kiiloomeetira 185 irratti yommuu ta’u hojjettoonni dooniitti hundi nagaan keessaa ba’uu danda’aniirus jedhameera.

Gareen milishoota Hutii ji’a Sadaasaa darberraa kaasee galaana diimaa irratti dooniiwwan daldalaa idil addunyaa irratti dirooniiwwan, Misaa’eelootaa fi bidiruuwwan fayyadamuun haleellaawwan kan raawwatan yommuu ta’u , akka sababaattis deeggarsa lamiilee Paaleestiin Gaazaa keessaaf qabaniif agarsiisuuf akka ta’e ibsatu. Garee Hutii Iraaniin deeggaraman kanneen irratti Humni waraanaa Yuunaayitid Isteetsii fi Biriteen waloodhaan Tarkaaanfii irratti fudhachuun isaaniis ni yaadatama.