Dubartoonni Hamma Barbaachise Saayinsii Ammayyaa Keessatti Hin Hirmaanne: FAO

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Dubartoonni Hamma Barbaachise Saayinsii Ammayyaa Keessatti Hin Hirmaanne: FAO

Akka Jarmayaan Nyaataa fi Qonnaa (FAO) jedhutti, addunyaa saffisaan guddachaa jirtu keessatti, saayinsii fi kalaqni qormaata addunyaa furuu keessatti gahee murteessaa qabu. Haa ta'u malee, guddinni jiraatus, dubartoonniifi shamarran ammallee hojii saayinsii hordofuuf gufuuwwan gurguddoon isaan mudata.

Daud Mone Dèsirèe, ogeessi istaatistiksii waggaa 27, Kootdivuwaar irraa yoo taatu, jaalalli uumamaaf qabdu herrega irratti akka hojjettu ishee taasisu tilmaamee hin beeku jetti. Yeroo ijoollummaa ishee biqiltoota misoomsuu fi ennaa biqilan arguu ni jaallatti turte.