Qonnaan bultoonnii fi maatiin isaanii goina Kafaa kibba gam agama dhiyaa aanaa Deechaa irraa buqa’an kanneen 267 ta’an haala yaaddessaa keessa jiraachuu komiishiniin mirga namoomaa Itiyoophiyaa beeksisee jira.
Godina Kafaa aanaa Deechaa keessaa bara 2011 qabee haleellaa eenyummaa irratti nu irratti raawwate jedhaniin qonnaan bultoonni qe’ee ofii irraa buqa’an rakkoo hamaaf saaxilamuu VOAf bilbilaan ibsaniiru.
Komiishiniin hooggana yaaddoo balaa naannoo sanaa garuu, namoonni qe’ee isaanii irraa buqqa’uu jiraachuu isaanii waanan dhaga’e hin qabu jedhee jira.
Naannoo uummattoota kibbaa duraanii godinaalee adda addaa keessatti erga bara 1996 keessa beelaa fi dhiphina lafaa mudatee tureen akeeka mootummaa federaalaa fi naannootiin gara naannoo dhiphinni lafaa hin jirre kan qubatan qonnaan bultoonni kun qe’ee isaanii irraa buqqa’uu komiishinichi ibsee jira.
Godinaalee Hadiiyyaa fi Kambaataa akkasumas naannoo Sidaamaa keessa qubsumaalee mootummaa dhaan qopha’an keessa kanneen qubatan qonnaan bultoonni kun qe’ee ofiitti utuu hin deebi’in waggootaaf turuu isaanii itti aantuu komishinierri komiishina mirga namoomaa Itiyoophiyaa Rakeb Mellesee VOAf bilbilaan ibsaniiru. Dhiittaa mirga namaa qonnaan bultoota kana irra ga’e jedhanis dubbataniiru.
Itti aantuu komishinerrittiin kun akka jedhanitti lafti qonnaan bultoota harkaa fudhatame garii to’annoo hidhattootaa jala kan jiru yoo ta’u kaan immoo abbootii qabeenyaan qabamuu isaa ibsaniiru.
Qonnaan bultoonni kun seeraan ala lafti harkaa fudhatame deebi’eefii hatattamaan gara qe’ee ofiitti deebi’anii jireenya isaanii geggeeffachuu akka danda’an yaadachiisaniiru jechuu dhaan Yonaatan Zebdiwoos Hawaasaa irraa gabaaseera.