Roobii kaleessaa magaalaa Meqeleetti argamanii daawwannaa fi marii kan geggeessan dhimma gaanfa Afriikaatti jilli addaa Yunaayitid Isteetis Maayik Hamer fi Itiyoophiyaatti ambaasaadderri Yunaayitid Isteetis Evriin Joozee Masiingaa, hooggansa yeroo kan naannoo sanaaa fi paartilee siyaasaa, hawaasa siivilii fi hooggana Yuniversitii Maqalee waliin mari’ataniiru.
Hooggana ABUT, Arena, Salsay Weyaanee akkasumas kan Baayitonaa waliin hojii irra oolmaa walii galtee nagaa Piritooriyaa ilaalchisuun marii geggeessuu isaanii paartilee sana irraa beekuun danda’ameera.
Dura taa’aan Arenaa Tigraay obbo Amdoom Gebresillaasee marii ambaasaadderoota kana waliin geggeessame irratti dhimma buqqaatotaa akkasumas humnootiin alaa fi humnoonni raayyaa ittisa biyyaatii ala ta’an naannoo sanaa ba’uu ka jedhu irratti mari’annee jirra jedhan.
Akkasumas dhimma hongee fi beela yeroo ammaa naannoo sana keessa jiruu marii sana irratti ka’uu isaa illee ibsaniiru.
Dura taa’aan ABUT Dr. Derbrtsiyoon Gebremikaa’el ambaasaadderoota kana waliin marii geggeessaniin, buqqaatonni kun qe’ee ofiitti deebi’uu, qabiyyeen lafaa Tigraay mirkanaa’uu, loltoota duraanii deebisanii dhaabuu fi dhimma gargaarsa namoomaa ilaalchisee Ambaasaadderoota kanaaf ibsa kennuu isaanii paartichi fuula Feesbuuk isaa irratti beeksiseera jechuu dhaan Mulugeetaa Atsbehaa Meqelee irraa gabaaseera.
Itiyoophiyaatti ambaasaadderri Yunaayitid Isteetis Ambaaaadder Maasingaan hooggana Yuniversitii Maqalee waliin mari’achuu isaanii Embasiin Ameerikaa ibsa baaseen beeksiseera.
Marii sana irratti dargaggoonni, hayyoonni, dubartoonnii fi jaarsoliin biyyaa Tigraay, Amaaraa, Affaarii fi naannolee biroo irratti waan hirmaataniif naannolee gidduutti riqicha ta’uu dhaan wal amantaa uumuuf gargaara jedhanii jiran. Caasaa loltoota duraanii diiganii gara jireenya isaanii duriitti deebisuuf sochii ta’uuf US doolaara miliyoona $15 ramaduu ishee ambaasaadder Maayk beeksisaniiru.