Itiyoophiyaa gama kibbaa godina Arii-tti bulchiinsi magaalaa Jiinkaa barsiistota 600 ol maqaa misooma jedhuun mindaan isaanii baatii Amajjii walakkaan dirqii dhaan akka irraa cite VOAf komii isaanii dhiyeessaniiru.
Barsiistonni eeyami isaanii utuu hin gaafatamin mindaan isaanii baatii Amajjii walakkaan misoomaaf jedhamee bulchinsichaan dirqiitti irraa cite jireenyi itti ulfaachuu isaa VOAf himaniiru.
Nageenya isaaniif soda maqaan isaanii akka hin tuqamne kan gaafatan barsiisaan bulchiinsa magaalattii akka jedhanitti barsiistota 600 ta’an keessaa walakkaan mindaan keenya dirqii dhaan nu irra cite jedhu.
Dhugumatti misooma akka deggeran kan ibsan barsiisaan kun mindaa isaanii dhibba irraa harki 20mni akka citu bulchiinsa magaalaa waliin walii galtee irra ga’anii akka turan hin dhoksine. Ta’us bulchiinsi magaalichaa akka walii galtee isaaniitti utuu hin ta’in, sana irra darbuu dhaan mindaa keenya dhibba irraa harka 50 nu irraa kute jedhan.
Qaala’iinsi jireenyaa nu sochoosuu didee utuu jiruu mindaan keenya hagasii nu irraa cituun jireenya ittumaa nutti hadheesse jechuun illee komee isaanii dubbataniiru. Adeemsa kanas mormanii mirgi isaanii akka kabajamu gaafachuu isaaniitiinis dorsiisi isaani irra ga’uu barsiisaan kun dubbataniiru.
Godina Ariitti dura taa’aan waldaa barsiistotaa bulchiinsa magaalaa Jiinkaa obbo Geetaachoo Galatuu mindaan ji’aa kan barsiistota 600 walakkaan fedhii isaaniin ala irraa cituu VOAf mirkaneessaniiru. Murtiin darbe qajeelfamaa fi seeraan ala jechuu dhaan gocha sana qeeqaniiru.
Dhimma kana irratti bulchiinsi magaalaa Jinkaa fi angawoonni godina Arii yaadaa fi deebii isaanii argachuuf bilbila isaanii waan hin kaasneef yaaliin ta’e hin milkoofne.
Haa ta’u malee bulchiinsi magaalattii Guraandhala 4 bara 2016 waajjira Faayinaansii magaalattiif xalayaa lakkoofsa 3539/35 barreesseen, ji’a saddeet keessatti kaffalamee kan dhumu mindaa barsiistotaa dhibba irraa harki 50 akka citu murteessuu isaa beeksisee jira. Barsiistonni misooma magaalattiif qooda gama isaanii ba’uuf Amajjii 10 fi 22 marii geggeessuu isaanii fi dhibba irraa harka 20 akka citu murteessuu isaanii dura taa’aan waldaa barsiistotaa obbo Galatuun yaadachiisaniiru.
Xalayaan mallattoo bulchaa magaalaa Jiinkaa kan obbo Asfaw Doorii fi mallattoo waajjira isaniin ba’e, mindaan kan irraa cite barsiistota qofaa utuu hin taane hojjettoota bulchiinsa magaalaa mara ta’uu tuqee jira.
Waldaan bariistotaa bulchiinsa magaalaaf xalayaa barreesseen mindaan isaanii irraa cite akka deebi’uu fi dhiittaan mirgaa raawwatame akka sirraa’u yaadachiiseera jechuu dhaan Yonaatan Zebidwoos Hawaasaa irraa gabaaseera.