Prezidaantiin Somaaliyaa Itiyoophiyaan Waliigaltee Somaaliilaand Waliin Tolfatte Itti Fuufti Taanaan Nutis Of-irraa Faccisuuf Jirra Jedhan

Prezidaantiin Somaaliyaa Itiyoophiyaan Waliigaltee Somaaliilaand Waliin Tolfatte Itti Fuufti Taanaan Nutis Of-irraa Faccisuuf Jirra Jedhan

Itiyoophiyaan naannoo addaan baate Somaalilaandii keessatti buufata waraana galaana irraa hundeessuuf waliigaltee, naannoo sana akka mootummaa walaba ta'etti beekamtii kennuuf jirti yoo ta'e biyyi isaanii tarkaanfii of-irraa ittisaa kan fudhattu ta’u, Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad ibsanii jiru.

Ulaa galaanaa kan hin qabne Itiyoophiyaan, Amajjii 1 bara 2024, somaaliilaand waliin galmee wal hubannoo tokko mallatteessuun qarqara galaanaa kiloo meetra 20 kireeffachuuf walii galanii turan.

Itiyoophiyaan buufata humna galaanaa achitti dhaabuu akka barbaaddu ibsuun, jijjiirraa kanaan Somaalilaandiif beekamtii kennuu akka dandeessu dhiheessiteetti. kunis deebii mormii Somaaliyaa irraa kan kakaase yoo ta'u, walii galteen kun gaanfa Afrikaa daran tasgabbii dhabsiisuu danda'a jechuun sodaa qabdi.

“Itoophiyaan kanatti yoo cichiite Somaaliyaan ni mormiti, ni diddis” jechuun prezidaant Mahmuud Kibxata dabree gaafii fi deebii Rooytars waliin masaraa preezdaantii Moqaadishootti Rooyita taasisaniin dubbataniiru.

"Yoo gara biyya keenyaatti dhufan Somaaliyaa ofirraa ittisuuf waan dandeessu hunda ni gooti."jedhan.Garu,Somaaliyaan tarkaanfii akkamii fudhachuu akka dandeessu bal’inaan hin dubbanne. Gaanfii Afrikaa waldhabdeen irra deddeebiin kan ishee mudate yoo ta’u, naannoowwan caamaaf saaxilaman keessatti rakkoon gargaarsa namoomaa mudateera. Biyyonni Ollaa walii ta’an Itoophiyaa fi Somaaliyaa bara 1977-1978 akkasumas, bara 1982tti qabeenya lafa irratti wal waraananiiru.

Prezidaant Mohamud dhimma kanarratti Muummicha Monisteeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimad waliin mari'achuuf kan walii galan, yeroo mootummaan Finfinnee jiru '' qaama biyya keenyaa fudhachuu'' yaada isaa jedhu yoo ganu qofa jedhan.

Dubbi himaan mootummaa Ityoophiyaa yaada akka kennaiif gaaffii dhiyaateef deebii hin laanne. Dr. Abiy kanaan dura Itiyoophiyaan Somaaliyaa waliin waldhabdee jalqabuuf karoora akka hin qabnee fi barbaachisummaa galaana qaqqabuuf qabdu furuuf qofa tattaaffataa akka jirtu dubbatanii turan.