Obbo Yohaannis Buwaayaalew Irraa Mirgi Himatamuu Dhabuu Kaafame

  • VOA

Obbo Yohaannis Buwaayaalew Irraa Mirgi Himatamuu Dhabuu Kaafame

Miseensa mana maree bakka bu’oota uummataa naannoo Amhaaraa kan turanii fi turtii ji’oota ja’aaf himannaan osoo irratti hin banamiin to’annaa jala kan jiran Obbo Yohaannis Buwaayaaleew mirgi himatamuu dhabuu isaanii irraa kaafameera. Labsii yeroo muddamaa naannoo Amhaaraatti labsame kan akka barbaachisummaa isaatti guutummaa biyyattittii hojiirra oola jedhameen gaafa Hagayya 9 bara 2016 A.L. I tti to’anna jala kan oolfaman Obboo Yohaannis erga to’annaa jala oolfamanii turtii ji’oota ja’aan booda kan mirgi himatamuu dhabuu isaanii irraa kaafame.

Manni maree bakka bu’oota uummataa naannoo Amhaaraa mirga himatamuu dhabuu Yohaannis Buwaayaaleew irraa kaasuu isaa biiroon Komuunikeeshiini naannoo Ahmaaraa Ibsa kamisa kaleessaa kenneen ifoomseera. Manni marichaa yaa’ii isaa idilee 6ffaa kan waggaa 3ffaa gaggeesseen mirga himatamuu dhabuu isaanii irraa kaasuu malee sagalee deeggarsaas ta’e mormii ykn kan sagalee hin kennine meeqaan akka ta’e biiroon Komuunikeeshiinii naannichaa ibsa isaa keessatti hin eerre. Dhimma kanarratti kan gaafataman Abukaatoon Obbo Yohaannis Buwaayaalew , obbo Solomoon Gazzaaheeny Mirgi himatamuu dhabuu maamila isaanii irraa osoo hin kafamiin hanga ammaa maaliif akka ture kanadha jedhanii dubbachuun nama rakkisa jedhanii labsii yeroo Ariifachiisaa keessa mirga himatamuu dhabuun irraa kaafamuu danda’a taanaan maaliif ji’oota ja’a akka tursiisan namaaf hin ga’u jedhaniru. Ammas kana booda himannaan irratti banamoo ni dhiisaa jechuun ifatti waan beekamu hin jirus jedhaniiru. Hanga ammaattis maamila isaanii Obbo Yohaannis waliin wal arganii akka hin beeknes eeraniiru Obbo Solomoon.

Labsii yeroo Ariifachiisaan to’annaa jala kan jiran dee’eetaan ministira nagaa duraanii fi miseensa caffee Oromiyaa kan turan Obbo Taayyee Danda’aas mirgi himatamuu dhabuu isaanii kan irraa kaafame torbaan kana keessa ture. Labsii yeroo Ariifachiisaan mirgi himatamuu dhabuu isaanii osoo irraa hin kaafamiin miseensonni mana maree naannoolee fi Federaalaa to’annaa jala jiran Shan kan turan yommuu ta’u. Minseensota mana maree bakka bu’oota uummataa Itiyoophiyaa kan ta’an obbo Kiristiyaan Taaddelee fi Dr. Dassaaleenyi Caannee , akkasumas miseensa mana maree bakka bu’oota uummataa bulchiinsa magaalaa Finfinnee kan ta’an Dr. Kaasaa