Muummichi Ministaraa Isiraa'el Karoora Itti-Aanee Dhufu Ilaalchisuun Kaabinee Waraana Biyyattiif Ibsa Kennan

  • VOA

Muummicha Ministaraa Israa’el Beenjaamin Netaaniyaahuuibsa yeroo kennan, Jerusaalem, Guraandhala 18, 2024.

Waajjirri Ministira Muummee Israa’el Beenjaamin Netaaniyaahuu Wiixata har’a akka jedhetti waraanni Israa’el “karoora ummata naannoo lola Gaazaa keessaa baasuuf, akkasumas karoora hojii dhufu Kaabinee Waraanaaf dhiyeessanii jiru.”

Ibsi kun kan ba’e, Netaaniyaahuun karoora weerara lafoo Gaazaa kibbaa magaalaa Raafaa, bakka ummanni Gaazaa walakkaa ol waraana kana irraa dheessee gaaddisa godhatetti akka tarkaanfachiisuuf waadaa seene hordofeeti.

Ibsi har’a kenname Falasxiinonni eessa deemuu akka danda’an bal’inaan hin ibsine.

Raafaan daangaa Gaazaa fi Masrii gidduutti argamtu yoo ta’u, Naannoleen gara kaabaa jiran waraana ji'oota afuriin kan barbadaa'an yoo ta'u, Masriin daangaa ishee akka hin banne dubbatteetti.

Tokkummaan Mootummoota karoora ummata nagaa Gaazaa keessa sochoosuuf ta’u kamiinuu akkasumas karoora Israa’el naannoo namoota duraanuu gargaarsa namoomaa barbaadan keessa jiraatan keessatti, haleellaa banuuf jettu irratti yaaddoo qabaachuu ibseera.

Barreessaa dureen Tokkummaa Mootummootaa Antoniyoo Gutarres Wiixata har’a akka jedhanitti, gargaarsi namoomaa Gaazaa keessatti kennamuu “guutumaan guututti gahaa miti,” akkasumas haleellaan Israa’el Raafaa keessatti raawwattu tattaaffii sana baay’ee akka miidhu ibsaniiru.