Shaampiyoonaa Atileetiksii Qaxxaamuraa Biyyaa Afrikaa Tuuniziyaatti Geggeessame’rratti Atileetonni Keeniyaa fi Itiyoophiyaa Milkaawan

Your browser doesn’t support HTML5

Shaampiyoonaa Atileetiksii Qaxxaamuraa Biyyaa Afrikaa 6ffaa Dilbata dabre Tuuniziyaa Hammaamitti gaggeeffameen Itoophiyaan sadarkaa 2ffaan ogguu xumurtu, Keeniyaan ammoo olaantummaa ishee agarsiifteetti. Dursaa garee biyyoolessaa Itoophiyaa Toleeraa Dinkaa Sagalee Ameerikaaf ibsa kennaniin Itiyoophiyaan atileetota Shaampiyoonaa Qaxxaamuraa Biyyaa Jalmeedaatiin sadarkaa 7ffaa hanga 13ffaa bahan qoofa filachuun hirmaachisuu ishee himan.

Dorgommii biraatiin ammoo bara dorgommii walakkaa maaraatoonii Raas Al Kha’imaah irratti dhiraan atileetonni Keeniyaa 1ffaa hanga 3ffaatti kan xumuran yoo ta’uu dubbaraan atileetoonii Itoophiyaa 1ffaa fi 2ffaa bahan.