Isiraa'elii fi Hamaas Gidduutti Walii-Galteen Dhukaasa-Dhaabinsaa Yeroofi Akka Taasisamu Abdii Qabaachuu Isaanii Baayiden Dubbatan

  • VOA

FAAYILII - Pirezdantii Yunaaytid Isteets, Joo Baayden, Waayit Hawus, Guraandhala 23, 2024.

Prezidaant Baayiden wixata kaleessa galagala yemmuu walgahiidhaaf magaala Niwuyoork turan waa’ee Israa’eli fi Paalastaayin gaafatamanii, gorsaa dhimmaa nageenyaa mootummaa isaanii waabeffachuuudhaan debii kennaniin, “ itti dhihaanerra, garuu ammaaf acchi hin geenye. Wixata dhufu garuu akka waliigalteen mallateefamuu abdiin qabaa’ jedhaniiru.

Akkaataa marii hirmaannaa biyyoottan adda addaatiin taasifamaa turee kanatti, waliigalteen dhukaasa dhaabuu kan taasifamuu turban jahaafi. Yeroo kana keessatti gareen Hamaas namoottan Onkololesaa Torba yemmuu haleella Israa’el irratti raawwatee umnaan butee fudhatee akka gadi lakkisu , Israa’el gama isheetiin lammilee Palastaayin too’annoo ishee jala jiran akka mana hidhaatii hiiktu taasifamaa jedahmeera.

Karaa biraatii soomaa Raamadaanaa Bitootessaa 10 bara 2024 jalqabu sababeeffachuudhaan Israa’el dhukaasaa dhabuudhaaf akka murteesite Baayiden itti dabaluudhaan ibsuun isaanii beekameeraa. Tarkaanfiin sababa soomaa raamadaanaatin dhukaasaa dhabuu waliigaltee torban jaahaatin kan walqabatee ta’uufii dhiisuu isaa irratti wantii addan bahee beekamee amma amaatti hin jiru.

Gargaarsi namoomaa dabalataas akka yeroo kana keessatti Gaazaa seenuu waligaltee kana keessatti eeramuun isaa gabaasameera.

Waligaltee yeroodhaaf dhukaasa dhaabuu kana ilaachisuudhaan kan dubbatan muummuchii ministeeraa Israa’el Beenjaamiin Netaniyaahuu, waliigalteen dhukaasaa dhaabuu karoora Israa’el Gaazaa irratti qabdu kan jijjiruu akka hin taane himanii, garee Hamaas balleesuudhaaf magaala Raafaa irrattii haleellaan fulduratii akka itti fufu beeksisaniiru.

Lola amma har’aatii taasifameen lammiileen Paalastaayiin caalaan isaanii dubartootaa fi Ijoollewwan kan ta’an 30,000n ajjeefamuu isaanii ministeerri fayyaa Gaazaa inni Hamaasiin geggeesama jedhamuu ibsee jira. Israa’el gama isheetin loltootaa Hamaas 12,000 ajjeesuu ishee akka beeksifte gabaasameera.