Prezidaantiin Keeniyaa wiliyaam Ruutoo guyya kaleessa Muumichii ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahmed masaraa mootummaaa isaaniitii simatanii jiru. Daawwanna muummichii ministeraa Ityoophiyaa keeniyatii taasisan ilaalchisuudhaan maddii oduu Assoshiyeetid pirees akka gabaasetti, muumichii ministeeraa Abiy Ahimed Roobii har’aa haasaa taasisaniin ijoo marii isaanii keessaa tokko kan ta’e rakkina diinagdee biyyoottan lamman keessaa jiru akkaataa waloodhaan furuun danda’amu irratti kan xiyyeefate ta’uu isaa ibsaniiru.
Sirna afeeraa laaqanaa irratti kan dubbatan Abiy Ahimed walitti hidhanni biyyootan lammanii fakkii ta’uudhaan siyaasa qofaan ittu hin ta’iin diinagdeedhaanis Afrikaa walaba taasisuu irratti kan hojatu akka ta’e himanii jiru. Assoosheetid Pirees akka dabalee gabaasetti, marii hoggantonni lamman taasisaan keesaa waldhabiideen mootummaa Ityoophiyaa fi mootummaa Somaaliyaa giduu jiru isa tokko.
Ityoophiyaan waliigalteetee ulaa galaanaa Somaalilaandii wajjin malateessuu ishee erga ibsitee booda, mootummaan Somaaliyaa balaa birmadumaa daangaa isaa irratti aggaamame akka ta’ee ibsee daangaa isaa kabachiisuudhaaf tarkaanfii kamiinuu akka fudhatu beeksisuun isaa ni beekama. Hogantoonni lamman qabxiiwwan irratti maryatan ilaalchisee mootumoota lamman irraa ibsii ifatti kennamee amma amaatti hin jiru.