Meeshaaleen Dhukkuba Sombaa Ittiin Qoratan Kan Dhiheenya Yunaayitid Isteetis Itiyoophiaaf Kennite Faayidaa Guddaa Qabu: Ministirii Fayyaa

  • Jaallannee Gammadaa

Your browser doesn’t support HTML5

Jaarmayaan Misooma Sadarkaa Addunyaa kan Yunaaytid Isteetis, USAID’n dhiyeenya kana meeshaa qorannoo dhukkuuba Sombaa ‘Tuberculosis’ jedhamuu kan sa'aatii lama keessatti dhukkubichi nama keessa jiraachuu fi jiraachu dhaba beekuuf gargaaruu, Ministeera Fayyaa Itiyoophiyaaf kennee jira.

Ministeera Fayyaa Itiyoophiyaatti itti gaafatamaan kutaa ittisaa fi to'annaa dhukkuba Sombaa fi Qurcummaa Obbo Taayyee Lataa, waa'ee gargaarsa argame kanaa fi haala dhukkuba sombaa biyyatti keessaa yeroo ammaa ilaalchisee Jaallannee Gammadaaf gaaffii fi deebii kennanii jiran.