Daayireekteerri Itti aanaa Jaarmiyaa gargaarsa daa’immaanii kan dhaabbata mootummoota gamtoomanii “UNICEF”, Teed Chayibaan daawwannaa guyyoota Shaniif Itiyoophiyaatti taasisaniin Itiyoophiyaa keessatti balaa namoomaa guutuu biyyattii keessatti gadi fageenyaan dhufuu malu hambisuuf hawwasni addunyaa deeggarsa daa’immanii fi maatiif taasisan akka guddisaniif waamicha dhiyyeessan. Itiyoophiyaan rakkoowwan hedduuf saaxilmateettu gargaarsa keenya barbaaddis jedhanii, Goginsi sababa ELNIINOO’n dhufeeru Kaaba, gidduu galeessaa fi Kibba biyyattii keessatti daa’imman miiliyoona tokkorratti miidha geessiseeras jedhan. Bara 2024 kana keessas Itiyoophiyaa daa’imman miiliyoona tokko fi haadholiin harma hoosiisan 350,000 hanqina nyaataaf akka saaxilamuu malan tilmaameera.
Chaayibaan naannoo Tigiraay kan goginsa akka maleef saaxilamteettu kan daawwatana yommuu ta’u turtii koo keessattis maloonni maatiin ittiin goginsa kana jalaa dandamatan kan dhumate ta’uu argeera jedhan. Haadha maqaan Lemlem jedhamtu tokko argee akka natti himtetti yeroo waan hundi nuuf fooyya’e jennetti goginsi kun nu mudate nan jette. Ija isheerraa abdii kutannaa isa dhugaatu mul’atas jedhan.
Goginsaan alattis rakkoo kana wal xaxaa kan taasiisu weerarri dhukkuba koleeraa, Busaa, fi dhukkuba dangii guutummaa biyyattiitti balaa fayyaa hawwaasaa hatattamaa ta’aa jiras jedhanii, Dhukkuboonni kunimmoo warra salphaatti daa’imman ajjeesan garuummoo ittisuun ni danda’ama. Dhukkuboota kanneen alattis biyyattiin walitti bu’insa keessa jiraachuun qaamoolee balaaf saaxilamoo ta’an kanaafimmoo wal’aansoo guddaadhas jedhan.
UNICEF mootummaa Itiyoophiyaa waliini fi qaamoolee biro waliin tumsa cimaan rakkoolee mudataniif deebii kennuuf hojjetas jedhaniiru.
Dhaabbanni Mootummoota gamtoomanii Itiyoophiyaa keessatti gargaarsa taasisuuf maallaqa doolara biiliyoona 3.24 na barbaachisa yommuu jedhu UNICEF immoo daa’imman gargaaruuf maallaqa doolara miiliyoona 535 na barbaachiisa jedheera.
jg/dw/tg