Kan hamma tokko ofiin of bulchitu kutaa Sopmaaliyaa kaaba gama bahaa Puntlaand keessatti kan argamu manni murtii waraanaa, loltuu biyyootii alaa garee finxaaleyyii Islaamummaa Somaaliyaa keessa jiruuf lolu kan ittiin jedhe lammiiwwan Morokoo 6 du’aan itti muree jira.
Namoonni kun kan Somaaliyaa seenaniif musiliiotaa fi lammiiwwan Somaaliyaa miidhuu fi akkasumas biyyattii keessatti jeequmsa uumuuf jechuu dhaan dura taa’aan abboota murtii naannoo Puntland Ali Ibrahim Osman Kamisa darbe dubbatarnii jiran.
Namoonni ja’an kun Mohamed Hasan, Ahimed Nagwaa, Kaliid Lataa, Mohammed Ahimed, Redwaan Abdulkadir Omanyii fi Ahimed Huseen Irbaahim kan jedhaman yoo ta’u ol iyyachuu kan danda’aniif itti hin milkaa’an taanaan rasaasaan reebamanii akka du’an ibsameera. Itti dabalees lammii Itiyoophiyaa tokkoo fi kan Somaaliyaa tokko hidhaan waggoota 10 kan itti murtaa’e yoo ta’u, lammii Somaaliyaa ka biroon ragaa ga’aan waan hin argamneef jecha walaba gad dhiisamee jira.
Namoonni kun bakka bu’umsa seeraa argachuun isaanii ykn eessatti akka hidhamanii jiran hin beekamin jira. Namoonni saddeettan kun garee finxaaleyyiin gowwoomsamanii itti makamuu isaaniif biyya ofiitti deebi’uuf fedhii qabaachuuu isaanii Osmaan dubbatanii jiran. Osman akka jedhanitti lammiiwwan Morokoo ja’an IS irraa maadhee isaa gaarreen Kal-Miskaat kan Somaaliyaa Kaaba gama bahaa keessatti leenjii fudhataa turan. Lammiiwwan Morokoo kun waaltaa daldalaa kan taate naannoo gaarreen Bosaasoo gama bahaa keessatti qabaman. IS dameen Somaaliya garee hidhata al-Qaida qabu al-Shababiin kan hundaa’e bara 2015 keessa ture.
Gareen kun jiraattota naannoo dararuu fi haleellaalee geessisuu dhaan beekama. Manni murtii waraanaa Puntlaan lammiiwwan alaa IS-tti makaman jechuun ennaa adabu kan ka jalqabaa ti.