Dorgomii fiigichaa mana keesaa magaala Gilaagowu keessatti taasifameen atileetonii itiyoophiyaa warqee lama dabalatee meedaaliyaa Afur argachuudhaan xumuranii Afrikaa keessaa 1ffaa aduunyaa irraa imoo 5ffaa bahanii jiru. US meedaaliyaa hedduu argachuudhaan Adduunyaa irraa 1ffaa taatee jirti.
Gabasaa Spoortii biraatiin Sambata dheengaddaa Bitootessaa 2 bara 2024 dorgommii maaratoonii biyyaa Jaappaan magaala Tookiyoo keessatti taasifameen, dubartootaan Suutumee Asaffaa rikooridii bakka Sanaa fooyyeesuudhaan 2:15:55n xumuruudhaan injifattee jirti. Amaanee Beriisoo 3ffa baateetti. Dorgommii dhiiraatiin 1ffaa amma 3ffaa ti kan injifatan Atileetota keeniyaati.
Atileetonnii Itiyoophiyaa Hayilemaariyaam Kiroosii fi Tsegaayee Geetaacheewu 4ffaa fi 5ffaa bahaniiru. Dorgommii Gilaaskootti geggeessame qaamaan argamee hordofee gabaasaa ture Eebbisaan Naggasaa, waa’ee dorgommichaa gabaasaa xumuraa ergee jira.