Lammiwwan Ameerikaa miliyoonaan lakkaawaman kutaalee bulchiisaa biyyattii 15 keessa jiraatan har’a wiirtuulee filannootti yaa’uudhaan namoota paartiilee guguddoo lameen – Rippaabilikaanii fi Dimookiraatii irraa filannoo prezidaantummaa bara 2024 kana geggeessamuuf kaadhimamoo tahan filuuf sagalee kennaa oolan.
Guyyaan filannoon kaadhimamtoota dorgommii prezidaantummaa itti geggeessamu kun biyyattii keessatti ‘Super Tuesday’ jedhamuun beekama. Hiikkaan isaa “Kibxata Guddicha” jechuu dha. Filannoo har’aa kana irratti prezidaantiin amma taayitaa irra jiran – Joo Baayidenii fi prezidaantiin duraanii Doonaald Traamp lakkoobsa sagalee injifataa argatu jedhamee eegama.
Gabaasaan keenya – Mitikkuu Fiqaaduu, wiirtuu filannoo as naannoo Waashingtonitti argamu, kan kutaa Virjiiniyaa, magaalaa Arlingtan jirutti argamuun gaaffii fi deebii kallattiin Istuudiyoo keenya waliin taasise dhiheessina.