Prezidaant Baayiden fi Doonaald Traamp Sagalee Walitti Dhiyeenya Qabuun Filannoo Kaadhimamummaa Dorgommii Prezidaantii Injifatan  

  • VOA

(Suuraa adda addaan kaafamee fi walbira olkaawwame) Suurawwan lamaan Bitootessa 6, 2024 walbira godhaman kun Pirezdaant Joo Baayiden Meerilaaniti Waxabajjii 30, 2024, Pirezdaantiin duraanii Doonaald Traampi imoo Sadaasa 11, 2023Joe Niiw Haamsheritti an ka'ani.

Prezidaantiin duraanii Doonaald Tiraamp irra deebi’anii filamuuf dorgommii bara 2020 Pirezidaanti Joo Baayiden waliin gaggeessan haala fakkaatuun, Kibxata kaleessaa tokkoon tokkoon isaanii, dorgommii kaadhimamaa paartii kutaalee biyyattii maqaa dhaahaman keessatti gaggeeffamee, hunda keessatti haala jechuu dandeesisuun walitti dhiyeenyaan injifataniiru.

Prezidaant Baayiden kutaalee biyyatti 15 filannoo duraa ykn walgahii paartii Dimookiraatotaa gaggeessan keessatti kan injiifatan yoo ta’u, kanneen akka Varjiiniyaa, Teksaas, Minisootaa fi Koloraado kan dabalatee ture. Naannoo Yunaaytid Istees kan Amerikaan Samo’aa jedhamu keessatti qofa injiifataman.

Tiraamp kutaa Yutahaa dabalatee kutaalee 14 keessatti injifatanii jiru. Tokkummaa Mootummoota Ambaasaaddarri Yunaaytid Isteetis duraanii Nikii Heelii, dorgommii paartii Rippabilikaanotaa irratti kan mormiituu Tiraamp ta’an, isa Kibxata kaleessaa kutaa Vermont keessatti injifatan.

Injifannoon Heelii kun, marsaa kaadhimamaa keessatti yeroo lammaffaa qofaaf yoo ta'u, duula filannoo ilaalchisee Roobii har’a haasawaa gochuuf bellamanii kan jiran yoo ta’u, yeroo sanatti duula filannoo isaanii addaan kutuu beeksisti jedhamee eegama.

Traamp bara 2020tti irra deebiin filatamuuf dorgomuun Baayideniin kan mo’aman yoo ta’u, Kibxata kaleessaa injifannoo argatan kabajuun, filannoo sadaasaa“seenaa biyya keenyaa keessatti guyyaa tokkicha barbaachisaa ta’e” jechuun ibsaniiru.