Guddina Afiriikaa Ofiin Hoogganamuu fi Ammayummaa Saffisaa Qabu Gargaaruu Kan Itt Fuftu Tahuu Chaayinaan Beeksiste

  • VOA

Ministirri haajaa alaa Chaayinaa Waang Yii ibsa oggaa kennan, Guraandhala 18, 2024.

Ministirri haajaa alaa Chaayinaa Waang Yii Ibsa Kamisa kaleessaa kennaniin Biyyoonni Afiriikaa dammaqinsa marsaa haaraa keessa akka jiran hubachuun barbaachisa jedhanii Moodeloonni misoomaa alarraa fe’eman badhaadhinaa fi tasgabbii isaaniif fiduu waan dadhabaniif daandii misoomaa haala biyya ofii isaanii waliin wal simu argachuu qabaus jedhan. Adeemsa kana keessattis Chaayinaan Obboloota ishee Afirikaa cinaa dhaabbachuu itti fuftis jedhaniiru Waang Yii.

Ibsa isaanii keessatti hooggantoonni Chaayinaa fi Afiriikaa yaa’ii Tumsa chaayinaa fi Afiriikaa jedhuun Beejiingitti wal argauuf akka jiran himanii gama lamaaniiniyyuu misooma isaanii akka guddisanii fi yaa’ii dhufu kanarrattis tokkummaa fi tumsa waliif qaban daran akka jabeessan abdiin qabas jedhaniiru.

Wal ga’iin haaraan fooramii tumsa Chaayinaa fi Afiriikaa ji’a dhufu keessa Beejingitti kan gaggeeffamuuf jiru yommuu ta’u hooggantoonni Chaayinaa fi Afiriikaa egeree misooma isaanii irrattii fi muuxannoo bulchiinsoota isaanii irratti ni marii’atu jedhamee eeggama.