Naannoo Oromiyaa godina Shawaa kaabaa aanaa Yaayyaa Gullallee magaalaa Fittaalii keessatti sababa wal waraansa humnoota nageenya mootummaa fi WBO gidduutti guraandhala 22 bara 2016 gaggeeffameen namoonni nagaan miidhamaniiru, jedhu jiraattoonni aanichaa.
Jiraataan nageenya isaaniif akka sodaa qaban himatanii maqaan isaanii akka hin waamamne gaafatan tokko gandoota aanaa Yaayyaa Gullallee keessatti ammallee sagaleen meeshaa waraanaa gurguddaan dhaga'amaa jira jechuun sagalee Ameerikaaf himaniiru. Sababa humnoonni nageenya mootummaa fi WBO waraansa walitti bananiin namoonni nagaan miidhamaniiru, qabeenyi barbadaa'era jechuun kan Jiraattonni kaasanirratti bulchiinsa aanaa Yaayyaa Gullallee, Godina Shawaa Kaabaa fi Biiroo bulchiinsa fi Nageenya Oromiyaa irraa deebii argachuuf yaaliin taasisne hin milkoofne.