Haala Qabatamaa Amma Jiruun Ceehumsa Haqaa Hojiirra Oolchuu Yaaluu Dura Jeequmsoonni Akka Furmaata Argatan Dhaabbileen Mirgootaa Gaafatan

  • VOA

FAAYILII - Taankii waraanaa hurufatti hafe, Mehonii, naannoo Tigraay, Muddee 11, 2020.

Dhaabbileen kunneen waloodhaan Ibsa baasaniin Imaammanni ceehumsa haqaa hojiirra ooluuf mootummaan waan gochuu qabu yaada furmaata kan jedhan garaa garaa akka baasan ibsanii Kaaba Itiyoophiyaatti humni waraanaa Eritiritiriyaa sarbama mirga namoomaa raawwateera jedhameef itti gaafatamuu qabas jedhaniiru.

Kana malees mootummaan Imaammanni ceehumsa haqaa hojiirra aka ooluuf mootummaan waan isarraa eegamu hojjechuu qabas jedhaniiru .Daayireektarri olaanaa dhaabbilee mirga namoomaa Itiyoophiyaa Obbo Yaareed Haayilemaariyaam yeroo ammaa Itiyoophiyaa bakkoota adda addaatti jeequmsoonni jiraachuu ibsanii biyoonni cee humsa haqaa hojiirra oolchan kanneen jeequmsa keessaa bahan jedhaniiru.

Wal waraansa Kaaba Itiyoophiyaa keessa ture hordofee yakkoota waraanaa fi biro raawwatamaniiraniif itti gaafatamummaa mirkaneessuuf yaadamee Imaammanni ceehumsa haqaa wixinen isaa qophaa’ee mana ministirootaaf tibbana akka dhiyaachuuf jiru Ministirri haqaa beeksiiseera. Dhaabbileen mirgootaa waloon ibsa baasan keessatti garuu Snadni kun osoo hin mirkaneeffamiin dura Uummataaf ifa taasifamee mariin irratti taasimuu qaba jedhaniiru jechuun Finfinneerraa Gabiremikaa’eel Gebiremedihiinitu gabaase.