Hoogganaan baankii misooma Afriikaa dhiyeessii boba’aa guddaa yokaan albuuda baatirii bilbila mobaayilaa akkasumas baatirii konkolaataa elektrikii dhaan hojjetaniif oolu argachuuf liqaan kennamu akka dhaabatu gaafatanii, walii galteen akkasii Chaayinaan albuuda Koongoo keessaa akka to’attu taasisuu dhaan biyyootii Afriikaa hanga tokko rakkoo maallaqaaf saaxile jedhan.
Waa hunda caalaa kun waan gaarii miti, sababiin isaas qabeenya jiru sirriitti gatii isaa baasuun hin danda’amu jechuu dhaan Akinwuumii Aseesiinaa gaaffii fi deebii Associated Press waliin torban darbe Leegos Naayijeeriyaa keessatti geggeessaniin beeksisaniiru.
Dachii keessaa albuuda ykn boba’aa yoo qabaatte kontraata yeroo dheeraaf attamiin walii galta? Kun qormaata. Gara fuula duraatti qabeenya uumamaa irraa galii argamu liqaa baasuu wal qabsiisuun, yeroo hedduu kanneen liqaa fudhatan projektoota bu’uura misoomaaf faayinaansii mala ittiin argatan yoo ta’u kanneen liqeessan immoo maallaqi isaanii yoo deebi’uu baate rakkoo jiru mala gad xiqqeessuu ti jedhan.
Hanniisa haaromsamuu fi konkolaattota elektrikii dhaan hojjetanitti ce’uun, albuudaalee akkaan barbaachisoo ta’aniif fedhiin jiru akka ol ka’u taasisee liqaa akkasiif nama saaxila. Kunis walii galtee Chaayinaa fi Koongoo gidduutti irra ga’ame kan Beejiing gabaa addunyaa irratti oomishaalee ishee dhiyeessituun akka cimtuu kan taasisuu fi albuuda baatirii Liitiyeem-ion jedhamu ittiin hojjetan biyyootii giddu galeessa Afriikaa irraa argachuu dabalata.
Abijaan Ivory Coast keessa maadheffate irraa Adesiinaan akka jedhanitti waaltaa misooma faayinaansii ka biyyootii Afriikaa keessaa deggeruu fi, walii galteen akkasii rakkoolee hedduu waliin wal qabatu.
Walii galteen kun kan wal hin simne ta’uu isaa tuqanii kanneen liqaa kennan haala baratamaa ta’een ol aantummaa qonfatanii, biyyootii Afriikaa rakkoo maallaqaa qaban danqaa keessa galchuu dha jedhan.
Wal caalmaan humnaa akkasii iftoominni dhabamuu fi malaammaltummaa waliin wal ga’ee saamichaaf haala mijeessa jechuu dhaan Adesiinaan dubbagtaniiru.
Adesiinaan, Sababaa ani Afriikaan liqaa qabeenya uumamaa irratti hundaa’e dhaabuu qabdi kan ani jedhuuf kanaaf jedhan. Biyyoonnis liqaawwan wal hin simnee fi gatii sirrii hin taane kana hanqisuu gargaaru kaka’umsi baanee akka jiraatu beeksisaniiru.