Poolisiin Afrikaa Kibbaa ajjeechaa Molooksoota sadii kannen bataskaana Ortodoksii Kooptikii Masrii keessatti raawwatameen walqabatee, shakkamaa tokko to'annaa jala oolchee jira.
Kibxata kaleessaa Piritooriyaa kaaba baha irraa kiiloo meetira 50 fagaattee kan argamtu Kuulinaan keessatti ajjeefaman. Akka poolisiin jedhutti shakkamaan ykn shakkamtoonni homaa osoo hin fudhatiin bakka sanaa ba'aniiru.
Waraananii ajjeesuun kana maatu akka kakaasee ifa miti.Dhaabbanni oduu Faransaay AFP akka jedhutti namni ganna 35 Sadaasa gaafa Bitiiteessa14 Mana Murtii Kuulinaan jedhamutti dhiyaata jedhamee eegama.
Poolisiin akka jedhutti "midhamtoonni sadii waraanamanii kan mada’an yoo ta’u, miidhamaan afraffaan lubbuun hafe immoo, osoo baqatee kutaa biraa tokko keessa dhokochuu isaa dura, ulee sibiilaa harka isaarra rukutame jechuun himate." .
Ministeerri dhimma alaa Masrii ibsa kenneen, “qorannoo ajjeechaa moloksota Masrii sadii irratti gaggeeffamaa jiru Imbaasii biyyattii Piritooriyaa jiru waliin,itti dhiyeenyaan hordofaa jira” jedheera,
Hawaasni amantii Ortodoksii Kooptikii Afrikaa Kibbaa keessatti maatii gara 4,500 kan of keessaa qabu ta’uu marsariitiin waldaa kiristaanaa kanaa ibsee jira.