Kan bara 1997 dhaabbatni mitimootummaa ‘Siiqqee Women’s Development Association” yokaan SWDA jedhamu dubartootaa, durboota fi daa’imman rakkkina qaban gargaaruu, gama dinagdee, hawaasummaa fi dandeettii dhuunfaatiin humneessuu irratti hojjeta. Bu’ureessituu fi itti gaafatamtuun dhaabbatichaa aadde Zertihuun Teferraa dhiheenya kana gumii waggaa dhimma qixxummaa fi humneessuu dubartootaa kan waajira Tokkummaa mootummootaa Niwu Yoork jirutti geggeessame irratti argamuudhaan hojii dhaabbatni isaanii godinaalee Oromiyaa keessatti hojjetu irratti ibsa kennanii jiran. Waa’ee walga’ichaa fi hojii dhaabbata isaanii ilaalchisee Tujubeen dubbistee jirti.
Dhaabbatni Oromiyaa Keessatti Durbootaa fi Ijoollee Humneessuurratti Hojjetu Gumii Waajirri Tokkummaa Mootummootaa Qopheessetti Hirmaate
Your browser doesn’t support HTML5