Naannoo Amaaraa Godina Addaa saba oromoo fi godina Shawaa Kaabaa aanaalee ollaa keessatti waldhabdeen eenyummaa irratti xiyyeeffatee uumame furmaata osoo hin arganne lollii aanaa Jillee dhummuugaa, magaalaa Axaayyee fi ifrataa gidiim torban tokkoo ol lakkoofsiseera jechuun jiraattonni Sagalee Ameerikaaf himaniiru.Sababa Dhukaasa kana gama lachuun namoonni nagaa hedduun du'aniiru, qabeenyi saamame; Manneenii fi midhaan gubataniiru jechuun jiraattonni himaniiru.
Namoonni yaada kennan kan godina Shawaa kaabaa haleellaa kanaaf WBO himatan.Abbaan gadaa Walloo gama isaaniin WBO miti qonnaan bultoota saba oromootu ofirraa ittisuuf lolaa jira jechuun ibsaniiru. Kantiibaan magaalaa Axayyee obbo Tamasgeen Tasfaa jiraattota magaalichaa fi ummanni haleellaa jala jira, jechuun mootummaan akka qaqqabuuf gaafatanii jiru.