Ityoophiyaa Giddugaleessaa godiina Haadiyyaa aanaa Soroo fi Gimbichoo keessatti jalqaba torban darbee irraa eegalee yoo xiqqaate namoonni 14 to'annoo jala ooluu isaanii miseensonni maatii hidhamtootaasagalee Amerikaatti himanii jiru.Bulchiinsi naannoo “miseensonni saba Daantaa Waldaa Misooma ofii isaanii akka hin hundeessine dhorkuuf, hidhaa seeraan alaa irratti bobba’ee jira” jedhan.
Akka miseensonni maatii jedhanitti namoonni to’annaa jala oolfaman kun mana murtii duratti hin dhiyaanne. Bulchaan olaanaa aanaa Soroo Obbo Dastaa Detoore sagalee Amerikaatti akka himanitti hidhamtoonni kunneen hookkara keessatti hirmaachuun kan shakkamanidha. Miseensonni saba Daantaa kan goodiina Haadiyyaa fi Kambaataa keessa jiran, gaaffii ofiin of bulchuus dabalataan gaafachaa turaniiru jechuun yonaataan Zabdiwoos Haawaasaa irraa gabaasee jira.