Manni Murtii Idil Addunyaa guyyaa kaleessaa murtoo dabarseen Israa’eel Gaazaa
keessatti beela babbal’isaa jirtu akka dhaabdu jechuun Ajaja dabarsee lammiilee
Paaleestiin Gaazaa keessa jiraniif nyaanni barbaachisaa ta’e akka dhiyyatuu tarkaanfii barbaachisaa fi bu’aa qabeessa fudhachuu qabdis jedheera.
Manni murtichaa sagalee guutuun kana kan murteesse yeroo kanatti Gaazaa waraanaan caccabde keessa dhaabbileen dhiyyeessii gargaarsaa dhiyeessaa jiran hanga barbaachisurraa dhibbeentaa shan qofaanidha jechuunidha.
Manni murtichaa lammiileen Paaleestiin kana booda balaa beelaaf saaxilamuu hin
qaban jedhee , garuu akka beela’an ta’e jedhamee irratti hojjetameera jedheera.
Kana booda lakkoofsa hulaawwanii fi dandeettii namoota dabarsuu isaanii akka
barbaachisumma isaatii dabalamuu qabas jedha Murtiin mana murtichaan darbe.
Manni murtichaa Israa’eeliif ajaja dabarseen yeroo ji’a tokkoo keessatti ajaja kana
hojiirra oolchuushee kan agarsiisu gabaasa dhiyyeessuu qabdi jechuun murtoo
dabarseera.
Murtoon haaraa ammaa kun isa Afiriikaan kibbaa Israa’eel mootummaatiin kan
deeggarame Gaaza keessatti duguuggaa sanyii raawwataa jirti jechuun himatte
keessaa dhimmi tokko ta’ee ilaalameeti.
Murtii kana ilaalchisuun qondaalli Olaanaan Hamaas tokko yaada kennaniin
murtiin kun fagoo deemuu hin danda’u hanga Israa’eel haleellaa waraanaa ishee
akka dhaabdu ajajamutti jedhanii balaa namoomaa Gaazaa keessaa, keessumaa
Kaaba Gaazaa keessatti uumaamee jiruuf gaaffiin haaraan yoo dhiyyaate ni
simanna, garuu manni murtichaa gagadadoo uummanni keenya Gaazaa keessa
jiru hundaaf furmaata guutuu ta’e murtoo dhukaasa dhaabuu ajaja akka dabarsu
abdii qabna ture.
Murtoo manni murtii Idil Addunyaa Kamisa kaleessaa dabarse irratti ministira
haajaa alaa Israa’eel irraa hanga ammaatti waan jedhame hin jiru.