Labsiin To’annoo fi Bulchiinsa Kiraa Manaa jireenyaa, Mana Maree Bakka Bu’oota Ummata Itoophiyaan kaleessa raggaasisameera. Labsiichi kireeffattoonni mana jireenyaa yoo xiqqaate waggaa lamaaf mana kireeffatan keessa akka jiraatan kan hayyamu yoo ta’u, abbaan qabeenyaa yeroo kamiyyuu gatii dabaluu akka hin dandeenye tumameera.
Mootummaan to’annoo kiraa manaa labsuun isaa garii ta'uu kan ibsaan namoonni sagaaleen Ameerikaa dubbise akka jedhanitti, labsichi hojiitti jijiramuu qaba, kiraa mana jireenyaaf sadarkaan bahuu qaba, kaaremetiirin lakkaawwame gatiin bahuufii qaba jechuun himaanii, yoon hin tanee rakkoo namoota kireeffatan ka bu'uuraa ni hiika yadaa jedhuu hin qabu jechuun ibsaan.
Labsiin To’annoo fi Bulchiinsa Kiraa Mana Jireenya Itiyoophiyaa Keessaa Ragaasisame
Your browser doesn’t support HTML5