Dargaggoonnii fi Gareen Mormkattootaa Rakkoo Itiyoophiyaa Keessaa Irratti Mari’atan

Your browser doesn’t support HTML5

Rakkoo Nageenyaa amma Itiyoophiyaa keessa jiruun gaaffiin dhaloota haaraa ykn dargaggootaa maal ta’uu danda’aa? ,Dhaloonni amma jiru ykn dargaggoonni Itiyoophiyaa akkamii barbaaduu? Kan jedhuu fi egereen Itiyoophiyaa ilaalcha dhaloota ammaan maal ta’uu danda’a kanneen jedhan irratti xiyyeeffachuun qophii dirree dimokiraasii kana duraa irratti dargaggoota Itiyoophiyaa keessaa bakkoota garaa garaa jiran gaafachuun dhiyyeessuun keenya ni yaadatama. Yaada dargaggoonni sun kaasan irratti hundaa’uun har’as dhaaba siyaasaa mormotootaa Gaafachuun Mitikkuu Fiqaaduu waan qindeesse qaba.