Humnoonni Mootummaa Wallagga Dhiyaa Keessatti Nama Nagaa Ajjeesuu Himatu Jiraattonni

Your browser doesn’t support HTML5

Naanno Oromiyaa godina Wallagga dhiyaa aanaa Qndaalaa keessatti walitti bu’iinsa Humnoota Mootummaa fi WABO gidduutti itti fufee jiruun yoo xiqqaate qonnaan bulaan tokko yoo ajjeefaman manneen jireenyaa 15 gubachuu isaanii jiraattonni ibsanii jiru. Ajjeechaa sanaaf humnoota mootummaa kan yakkan Jiraattonii sagalee Amerikaatti dubbatan, garee fincile kana deggertu maqaa jedhuun haleellaa namoota nagaa irratti raawwatu jechuun yakkan.

Ministriin tajaajila mootummaa Leggesee Tulluu garuu har’a Finfinnee keessatti gaazixeessotaaf ibsa kennaniin raayyaan ittisa biyyaa Oromiyaa fi naannoo Amaaraa keessa kanneen jiran hidhattoota irratti tarkaanfii fudhachuu itti fufee jira jechuun dubbataniiru. Tsehay Damxootu gabaase.