Magaala  Baahirdaar Keessatti Dilabta Dabre Hordoftoonni Amantaa Islaamaa Shan Hidhatootaan Ajjeefamuun Himame

  • VOA

FAAYILII- Magaala Baahir Daar, Naannoo Amaaraa

Manni maree olaanaan dhimma Isilaamaa kan bulchiinsa naannoo Amaaraa akka ibsetti, Dilbta dheengaddaa galgalaa miseensota maatii tokko Afur dabalatee namoottan Shan hidhaatootaa eenyummaan isaanii hin beekamneen ajjeefamani jiru. Ajjeechaa kana ilaachisee sagalee Amerikaatiif ibsa kan kennaan prezidaanti itti anaan mana maree amantaa Islaamaa Sheh Mehaamud Anuwaar ajjeechaa Dilbataa sanaan dura gaafa Kamiisaas magaalotta Gondor, Bichanaa fi Mooxaa keessatti namoottan hordoftoota Amantaa musiliimaa ta’an 12 ajjeefamuu isaanii ibsaniiru.

Sheh Mehaamud itti dabaluudhaanis, namoottan Dilbata galgala Salaataa Maqariibaa irra turaanni gara mana isaaniitti galaa turan keesaa abbaan tokko ijoolleewwan isaanii Sadii wajjin akka ajjeefaman himaniiru.

Ajjeechaan magaalaa Baahirdaarti raawwatee kun yemmuu walwaraansi umnoottan mootummaa fi garee hidhottaa naanichaa keessa socho’aa jihiru “Fannoo” jedhamuu wajjin bakka adda addaatti taasifamaa jirutti. Ajjechaawwan tibbana naanicha keessatti raawwataman walti bu’insa naanicha keessatti adeemaa jiruun walqabachuuf dhiisuun isaa yeroo ifatti hin beekamne kanatti, miseensonni Amantaa Musiliimaa awwaallacha namoottan du’anif guyyaa kaleessaa bahan komii fi mormii isaanii akka dhageesisaa turan beekameera. Bulchiinsii naannoo Amaaraas ta’e bulchiinsii magaala Baahirdaar dhimma kanaa irratti amma oduun kun maxxansametti akka ibsa hin kenine Aster Misgaanaawu gabaastee jirti.