Deemsi Wal-dhabdee Itiyoophiyaa fi Somaaliyaa Nageenya Gaanfa Afrikaatti Maal Fiduu Danda'a?

Your browser doesn’t support HTML5

Somaaliyaa Ambaasaddara Itiyoophiyaa biyya isaa keessaa ,hojjettoota dippiloomaatii isaa waliin Somaaliyaa gadhiisanii akka ba’an ajajuu fi waajjiraalee qontsilaa Puuntilaandii fi Somaaliiland keessaa akka cufaman torban darbe ajajeera. Puuntilaandii fi Somaalilaand garuu ajaja mootummaa Federaalaa Somaaliyaa sana fudhatama dhorkatan. Wal dhabdeen Somaaliyaa fi Itiyoophiyaa nageenya biyyoota gaanfa Afiriikaa garamitti geessu mala jechuun Mitikkuu Fiqaaduu ogeessota siyaasaa lama dubbiseera.