Hawaasi Oromoo Waashingtenii fi Naannoo Ishee Hiriira Mormii Geggeessan

Your browser doesn’t support HTML5

Miseensonni hawaasa Oromoo naannoo Washingitenii fi naannoo ishee keessa jiraatan kaleessa Ministeera Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis fuulduratti ajjeechaa seeraan ala fi hidhaa hoggantoota siyaasaa Oromoo, Itiyoophiyaa keessaa irratti raawwatamu jedhan mormuun hiriira geggeessanii jiran.

Qindeessaan, hawaasa Oromoo naannoo Washingiten Diisii akka jedhanitti yaadannoo angawaa siyaasaa Adda Bilisummaa Oromoo Battee Urgessa, dhiheenya kana ajjeefamaniif Kibxata galgala Waayit Haawus fuulduratti sirni dungoo qabsiisuu taasisameera jedhan.

Gama biraatiin lammiileen Tigraay naannoo Waashingten Disii jiranis fuullee Ministeera Dhimma Alaatti hiriira bahan jiru . Mitikuu Fiqaaduu bakka hiriirichaati argamuu dhaan gabaaseera.