Daarfur, Magaalaa El-Faasher Keessatti Ammayyuu Ajjeechaan Bal’aan  Gaggeeffamuuf Qarqara Jira, Jedhan Dippiloomaatiin Ameerikaa Tokko

  • VOA

FAAYILII - Ijoollee sababa jeequmsaatiin qehee irra buqahan, Sudaan, Bitootessa 6, 2024.

Seenaa keessatti duguuggaan sanyii waggoota 20 dura Sudaan Daarfuritti raawwate , biyyoonni gareewwan Sudaan keessatti wal waraanaa jiraniif Meeshaa waraanaa dhiyeessaanii fi itti gurguraa jiran yoo dhaabne irra deebi’uuf jira jechuun Yuunaayitid Isteetsi Wiixata kaleessaa akeekkachiftee.

Wal ga’ii mana maree nageenyaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii cufaatti kaleessa gaggeeffameen booda , dhaabbata Mootummoota gamtoomaniitti Ambaasaddarri Yuunaayiti Isteetsi Liindaa Toomaas Giriinfiild ibsa saba himaaleef kennaaniin magaalaan Daarfuur kan humna waraanaa humna Addaa Sudaan warra RSF jedhamaniin hin qabamiin jirtu qarqara ajjeecchaa bal’aarra jirti jedhan.

Gabaasa amanamaa argachaa jirurraa humnoonni waraanaa warra RSF fi milishooni isaan waliin hidhata qaban gandoota lixa El Fasheer hedduu diiguu isaanii fi El Fasher irrattis haleellaa raawwachuuf karoorfachuu isaanii of harkaa qabnas kan Jedhan Ambaasaddar Liindaan Haleellaan El Fasher irratti raawwaatamu balaa keessaa balaa isa guddaa qaqqabsiisuun namoota miiliyoona lama kanneen magaalittii keessa jiraatanii fi Sudaanoota 500,000 kanneen waraana Sudaan keessaa baqatanii achi keessa jiraniifis sodaa guddaadha jedhan.

Itti aanaan Ambaasaddara Biriiteen Jeemis Kariukiis yaada Ambaasaddar Liindaa deeggaruun Waraana Sudaan keessaa waggaa guute kana ammas daran akka babbal’atu taasisa jedhaniiru.