Afrikaa Kibbaa Keessatti Namoota Malaammaltummaa Saaxilan Rakkoon Mudataa Jira

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Afrikaa Kibbaa keessatti namoota malaammaltummaa saaxilan rakkoon mudataa jira. Maartaa Ngoye, yeroo mootummaa kontiraata seeraan alaa miliyoonaan lakkaa'amu akka gaggeessuu saaxiltee, Ejensii Baabura Imaltootaa kan mootummaa Afrikaa Kibbaa keessatti hoji gaggeessituu seeraa turte. Garuu akka malaammaltummaa dhabamsiiftuutti kabajamuu kan malte hojjechiisaa isheetiin hojiirraa ari'amtee hojii ishee deebifachuuf falmii seeraa dheeraa fi baasii guddaagaafatuutu ishee mudate. Muuxannoon Maartaa qormaata Afrikaa Kibbaa keessatti namoota odeeffannoo kennuun saaxiilan mudatan kan mul’isudha. Gabaasa Ihsaan Haffejee-n ergame Jaallanneetu dhiyeessa.