Malaammaltummaan Ijaarsa Daaandii Maalaawii Keessaa Danqe

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Motummaan Maalaawii bittaa meeshalee ijaarsa tajaajilaa projektootaa ummataaf godhamu keessaatti rakkoo malaammaltummaa mula’atu hanqisuurratti daraan hojjechuu akka qabu gaafatamee jira. Dhaabbati dhimma dinagdee biyyattiitif quuqama qabu gabaasaa baaseen, Maalaawwii keessaatti bara 2021 keessaatti ijaarsa Pirojeektoota bu’uuraalee misoomaa keessatti malammaltummaa hamaatu turee jedhee; keessumaa dameen konstraakshinii immoo daraan malaammaltuummaa kanaan miidhaameera jedha. Chim-weemwee Paadaathaa Liiloongwee irraa gabaase.