Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa Har’a Istaadiyeemii Magaalaa Naqamtetti Argamuun Haasawa Taasisan

Your browser doesn’t support HTML5

Walwaraansi naannoo Oromiyaa keessatti taasifamaa jiru hariitiidhaan akka dhaabbachuu qabu Muumichi ministeraa mootummaa Itiyoophiyaa Abiy Ahimad waamicha dhiheesanii jiru. Muumichi ministeraa Abiyyi guyyaa har’aa istaadiyoomii magaala Naqamtee keessatti haasaa jiraattotaaf taasisaniin, walitti-bu’insi naannichaa keessatti taasifamaa jiru waan barbaachisaa hin taane akka ta’e ibsanii waamicha nagaa dhisan. Dhimma kana irraatti Sagalee Amerikaatiif ibsa kan kennan dura ta’aan Kongireesii Federaalistii Oromoo Profeeseer Mararaa Guddinaa mootummaan waamicha nageenyaa taasisaa jiru akka hojii irra oolchu hubachiisanii jiru. Tsahaay Daamxoo dhimma kana irratti gabaasaa dabalataa qabdi.