Maal Maaltu Induustirii Geejjiba Qilleensarraa Yokaan Aviyeeshinii Afrikaa Dudduubatti Harkise?

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Afrikaa keessatti yeroo kutaan hawaasaa galii giddu-galeessaa qabu bal’ataa deemee fi magaaleen heddummaataa jiranitti, gabaan imala geejjiba qilleensa irraa, keessumaa gama bashannanaa fi taajila hojii daldalaatiin guddataa jira. Dhimma kana irratti, gaazzexeessaan VOA Jaaksen Imvungaanii Induustrii Aveeshinii walabaatiif ogeessa tarsiimoo ka tahan Ogaagaa Ujoo waliin marii taasisee jira. Dhabbatoonni akka “Single African Air Transport Market” yokaan SAATM akka waaltaaleen Aviyeeshinii bilisummaan hojjetanii fi gama kanaan wal-quunnamtiin biyyoota Afrikaa gidduutti guddatu gargaaruuf jira – jedhu, ogeessichi tarsiimoo Aviuyeeshinii – Ogaagaa Ujoo. Nugusuu tu Afaan Oromoof qindeesse.