Manni-Maree Bakka-Bu’ootaa Itiyoophiyaa Wixinee Qonnaan Bulaa Lafa Qabiyyeesaa Qabsiisee Baankiirraa Liqaa Fudhachuu Dandeessisu Raggaasise

  • VOA

FAAYILII - Nama qonnarra jiru.

Manni Maree bakka bu’oota Uummataa Itiyoophiyaa Labsii qonnaan bultoonni lafa isaanii qabsiisanii dhaabbilee Faayinaansiirraa maallaqa liqeeffachuu danda’au jedhe har’a raggaasiseera.

Manni mrichaa har’a Caamsaa 6 bara 2016 A.L. I tti yaa’ii isaa idlee gaggeesseen wixinee Labsii bulchiinsa lafa baadiyaa fi itti fayyadama isaa dhiyaate sagalee guutuun raggaasiseera. Sadarkaa diinagdee, siyaasnii fi hawwaasummaan biyyattiin irra geesettu waliin wal madaalchisuuf labsicha baasuun barbaachise kan jedhe manni marichaa , waggoota 18 darbaniif labsiin itti fayyadamaa fi bulchiinsa lafa baadiyaa lakk 456/1997 hojjiira ture irratti fooyya’insa taasifamuu walitti qabaan koree dhaabbii dhimma qonnaa Obbo Salamoon Laalem mana marichaaf ibsaniiru. Fooyya’insoota Labsii duraan irratti taasifaman keessaas qonnaan bultoonni lafa qonnaa isaanii akka wabiitti qabsiisuun dhaabbilee faayinaansii fi baankiiwwan irraa maallaqa liqeeffachuu akka danda’anidha.

Akka Labsii haaraa kanaattis dhaabbanni faayinaansii liqicha liqeesse lafa baadiyyaa wabiif qabate yoo liqeeffataan maallaqa liqeeffate deebisuu baate , lafa sanatti fayyadama malee dabarsee gurguruu hin danda’u jedha. Liqeessaan yeroon inni laficha itti fayyadamus naannoleen ofii isaanii murteessu jedhee, garuu inni guddaan waggaa Kudhan caaluu hin qabu jedha.

Labsiin kun isa kanaan dura dhaabbileen maayikroofaayinaansii liqaa kennaa turan bakka bu’a osoo hin taane filannoo akka ta’es ibsameera.