Wallaggaa Lixaa Keessatti Waraansi Humnoota Mootummaa fi Hidhattoota WBO Gidduutti Geggeessame Lubbuu Namootaa Galaafate, Jedhame

Your browser doesn’t support HTML5

Wallaggaa Lixaa Keessatti Waraansi Humnoota Mootummaa fi Hidhattoota WBO Gidduutti Geggeessame Lubbuu Namootaa Galaafate, Jedhame

Naannoo Oromiyaa godina Wallaggaa Lixaa aanoota garaa garaa keessatti Jimaata darbe jechuun akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti Caamsaa 2 bara 2016 irraa jalqabee waraanni humnoota nageenya mootummaa fi WBO gidduutti cimee itti fufee lubbuu namoota nagaa galaafateera jechuun jiraattonni aanichaa Sagalee Ameerikaaf himaniiru.

Aanaa Qondaalaa ganda Aacci'oo hordaa keessatti namoonni nagaan hiidhattoota WBO deegartu, odeeffannoo kennituuf jechuun humnoota nageenya mootummatiin lubbuun isaanii darbeera jechuun jiratoonni ibsaniiru.Ammas sababa walwaraansi itti fufee jiruun qonnaan bultoonni hojii qonna gannatif qophii taasisuurraa danqamanii jiru jedhan namoonnii jirattoota aanaa qondaalaa ta'uu isaanii ibsan yaada kennan. Dhimma ajjeechaa namoota nagaa irratti Jimaata darbe raawwatameera jechuun jiraattonni himan irratti bulchiinsa aanaa Qondaalaa, Godina Wallaggaa Lixaa fi Biiroo Bulchiinsa fi Nageenya Oromiyaarraa deebii argachuuf yaaliin taasisne har'aaf hin milkoofne.