Mootumman Itiyoophiyaa Rakkoolee Biyattii Humnaan Furuu Yaaluu Akka Dhaabu Hidhattoonnis Akka Marii Nagaatti Dhufan Ameerikaan Gaafatte

  • VOA

Itiyooopiyaatti ambaasaaddera Yunaayitid Isteetis kan ta’an Ervin Masiingaa angawaaItoophiyaa wajjin

Itiyooopiyaatti ambaasaaddera Yunaayitid Isteetis kan ta’an Ervin Masiingaa haasaa imaammataa har’a dhageessisaniin, mootummaan rakkoolee biyyattii yaalii humnaan furuuf taasisu irra akka of qusatu akkasumas hidhamtoota siyaasaa hidhaa jiran akka hiiku gaafataniiru.

Ambaasaadder Ervin J Masiingaa guyyaa har’aa jechuun Caamsaa 7 bara 2016 biyyi isaanii haala Itiyopiyaa yeroo ammaa irratti imaammata qabdu haasaa calaqqisu dhageessisaniiru. Haasaa kana kan dhageessisan Finfinneetti kan argamu mooraa embasii Ameerikaa keessatti yoo ta’u kanneen walitti bu’iinsa hidhannoo keessa jiran, walitti bu’insa dhaabanii marii dhaan nagaan akka bu’u akka taasisan akkasumas mirga namaa akka eegan yaadachiisaniiru.

Gaanfa Afriikaatti ergamaa addaa kan ta’an ambaasaadder Maayik Hammer, bakka buutonnii fi hoogganoonni waaltaalee sivikii fi paartilee siyaasaa bakka argamanitti haasaa imaammataa dhageessisaniin, yeroo ammaa Itiyoophiyaan walitti bu’iinsa keessoon jeeqamaa akkajirtu yaadachiisanii jiran.

Gareeleen hidhatan kaayyoo isaanii siyaasaa hookkaraan galma ga’uuf dhiibaa kan jiran ta’uu isaanii akkasumas mootummaan kana ittisuuf tarkaanfileen fudhatu waltajjii siyaasaa irratti dhiibbaa haaluu hin danda’amne kan kaa’uu kan dubbatan ambaasaadder Masingaan, adeemsi marii boodatti dhiise kun dhiittaleen mirga namaa akka itti fufu taasisuu isaa ibsaniiru.

Guutummaa biyyattii keessatti namoonni nagaan, qaamolee adda addaan ajjeechaan seeraan alaa, akkasuman qabanii nama hidhuu, umnaan butamuu, hookkara saalaa walitti bu’iinsa waliin wal qabatee fi haleellaaleen ka biroon irratti raawwataa jiraachuu gabaasaalee ibsan ennaa arginu hedduu gaddine jechuun illee dubbataniiru.

Dhimmootiin kun kan dhugaa fi adeemsa ce’umsa ce’umsaa kan fakkaatuun bifa itti gaafatama qabuun hatattamaan furamuu qaba kan jedhan ambaasaadderichi, hidhattootaa fi mootummaa fi kallattii dhaan ergaa dabarsaniiru. Waraana Bilisummaa Oromoof ergaa dabarsaniin, Taanzaaniyaa, Daareselaam keessatti rakkoolee jiran mariif hiikuuf yaalii isaan taasisan ajaa’ibsiisatanii sanuma akka itti fufan yaadachiisaniiru.

Waraanni jiru itti fufuu isaatiin namoonni hedduun dararamaa jiraachuu tuqanii, “harka hin kenninaa! Amantaa jiru deebisanii ijaaruu akkasumas deggersa uummataa ol aanaa kan qabu nagaa dhaaf tattaaffii godha” jedhan. Qabsoo hidhannoo Amaaraa geggeessaa kan jiran hidhattoonni Faannoo immoo fuula isaanii gara mariitti akka deebisan yaadachiisaniiru. “Maaloo marii simachuu diduun keessan hedduu akka isin hin gargaarre beekaa” kan jedhan ambaasaadder Masiingaan, akkuma naannolee Itiyoophiyaa ka biroo hafanii sababaa waraana itti fufee jiruun dararamaa kan jiran lammiiwwan nagaa akka ta’an ibsanii jiru.

TPLFnis dhimmootii namoota biyya ofii keessatti qe’ee irra buqa’an ilaalchisee furmaata kennuuf adeemsa hunda haammachiisee fi naamusaa fi kabajaa qabu hordofuu akka qabu dubbatanii, qabiyyee ofii humnaan deebisuuf sochii taasisu akka dhaabu yaadachiisaniiru.

Mootummaan Itiyoophiyaa immoo rakkoolee jiran waraana irra nagaa dhaan hiikuu irratti akka fuuleffatu ibsanii, kanneen mootummaa qeeqan hidhuu fi hiraarsuun furmaata hin ta’u jechuu dhaan mariin siyaasaa akka geggeessamuuf namoota siyaasaa hidhamanii jiran yaadachiisaniiru.