Haasaan Muummichi Ministaraa Abiyyi Ahimad Magaalaalee Naqamtee fi Baahirdaaritti Tibbana Taasisan Xiinxaltootaan Akkamitti Madaalama?

Your browser doesn’t support HTML5

Haasaan Muummichi Ministaraa Abiyyi Ahimad Magaalaalee Naqamtee fi Baahirdaaritti Tibbana Taasisan Xiinxaltootaan Akkamitti Madaalama?

Ministarri Muummee Abiyyi Ahimad tibbana naannoo Oromiyaa, magaalaa Naqamtee fi naannoo Amhaaraa magaalaa Baahirdaaritti uummataaf haasaa dhageessisan keessatti qaamooliin hidhannoon falmaarra jiran karaa nagaa akka galaniif waamicha dhiyyeessaniiru.

Waamichi isaan taasisanii fi dubbiin isaan bakkoota lamaanittiyyuu dhageessisan ogeeyyii siyaasaatiin akkamitti ilaalama? Dhimma kana irratti kan Mitikkuu Fiqaaduu dubbise, aangawaan naannoo Oromiyaa duraanii, kan yeroo ammaa as Yunaayitid Isteetis, Koolejii Albiyoon keessaa ka saahyinsii siyaasaa barsiisan – Dr. Milkeessaa Miidhagaa “Waamichi muummee ministaraa bakkawwan lameenittiyyuu dhiheessan, marii siyaasaaf balballi cufamuu agarsiisa,” jedhan. Yunivarsiitii Dirre Dhawaatii, kan saayinsii siyaasaa barsiisan – Dr. Roobaa Pheexiroos ammoo, “haasaan muummicha ministaraa waamicha nageenyaa baay’ee barbaachisaa dha,” jedhan.