Sababaa Rakkoo Nageenyaatiin Geejjibni Yabalaa Haroo Danbalirra Baatii Tookkoo Oliif Addaan Cituun Himame

Your browser doesn’t support HTML5

Haroo Dambal irratti geejjibi bidiruu dhaabbachuu isaan jiraattonni rakkataa akka jiran dubbatanii jiran. Jiraataan Odola Tulluu Guddoo kan Haroo Dambal gubbaatti argamu took VOA’f geejjiba kana bulchiinsi Magaalaa batuu ji’aan dura dhaabsisuu himanii, sanarraa kana ka’e jiraattonni Odolawwan Dambal irra jiru jedhan mana yaalaa deemuuf, nyaatas argachuuf rakkoo keessa jiru jedhan. Warri tajaajila geejjiba bidiruu kennanis hojiin ala taanee rakkoo keessa jirra jedhan. Waajjirri Koomunikeeshinii Baatuu dhimmichi yeroo torbee tokkoo keessatti furmaata argata jedhaa, Galmoo Daawit dabalata qaba.