Mubaarek Sultaan: Waloo, Qopheessaa Ol’aanaa fi Miseensa Hundeessitoota Dhabbata Bokkuu Art

Your browser doesn’t support HTML5

Dhaabbanni Bokkuu Aarti Aadaa fi ogbarruu Oromoo guddisuudhaaf dargaggoota fedhii qabaniin Finfinnee keessatti kan hundeeffamedha. Dhabbatichi sirboota aadaa fi ammayyaa, walalloowwan, haasaawwan hayyootaa, shubbisoota aadaa Oromoo do’iif dhiyyeessa. Mubaareek Sulxaan hundeesisoota Bokkuu Art keessaa tokkoo fi qindeessaa taatewwani ti. Maaliif akka Bokkuu Art hundeeffame? Hanga ammaati qormaata akkamii keessa darbe? Fulduratti karoora akkamii qaba? Waan jedhu irratti Bafiqaaduu Morodaa wajjin haasa’ee jira. Ofii isaatii walaleessaa kan ta’e Mubaarek Sulxaan, walaloota isaa keessaas qophii Labataaf dubbiseera.